Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Qondaalonni Wayaanee “Dhaaba OPDO kufaatii irraa dandamachiisaa.’ kan jedhuun, hojjattoota Oromiyaa walgahiin muddaa akka jiran barame, godina Iluu Abbaa Booraa Onoota hunda keessatti wal gahiin gaggeeffamaa jira.

(Madda Oduu ABO/MOA/Bitootessa 4,2009) Kaabinoonni dhaaba ergamtuu Wayyaanee OPDO yeroo ammaa kana godina Iluu Abbaa Booraa Onoota hunda keessatti hojjattoota seektara hundaa walgahiidhaan muddaa jiran; akka gabaasaan nu gahe ifa godhutti.

Walgahiin kunis A.L.Htti, Guraandhala 17-26 bara 2001 irraa eegalee si’a tahu, dhimmi guddaan walgahichi irratti fuulleffates “Dhaabni keenya, OPDOn, kufaa waan jiruuf kufaatii jalaa nu baasaa.” kan jedhuun hojjattoota kadhachuu akka tahe gabaasaa nu gahe irraa beekuun danda’ameera.

Kaabinoonni ergamtootoota wayyaanee kunniin, hojjattoota walitti qaban, kufaatii isaan mudateef kan isaan lafa kaayan, hoggansa gahaa dhabuu, Siyaasaan ummata biratti fudhatamuu dhabuu fi dandeettiin miseensota dhaaba maxxantuu tanaa dadhabaa tahuu ifatti akka eeran maddeen walgahicha irraa qooda fudhatan gabaasaniiru.

Hirmaattoonni walgahichaa gama isaaniitiin, “Baroota dheeraaf nu sobaa baatan, kufaatii irraa isin dandamachiisuu osoo hin taane, buqqifnee isin gatna.” jechuun mormii cimaa akka dhageessisantu gabaafame.

********

Godina Iluu Abbaa Booraatti sirni Wayyaanee yeroo lammaffaaf walitti bu’iinsa amantii qabsiisuuf socho’aa akka jiru maddeen gabaasan.

(Madda Oduu ABO/MOA/Bitootessa 4,2009) MOA Iluu irrraa akka gabaasetti ummatoota amantii, gosaa fi kkf niin walitti diruu aadaa kan godhate mootummaan Mallas Zeenaawwii godina Iluu Abbaa Booraa Ona Billoo Nophaatti hordoftoota amantaa Musiliimaa fi kiristaanaa walitti busuuf shira xaxaa jira.

Akka gabaasaa nu gaheetti ummata naannootiin, nama meeshaa waraanaa daldalutu naannoo kana jira of keessaa baasaa jechuun doorsisuu, akkasumas ummata wal irratti kakaasuun walitti bu’insa amantii qabsiisanii dhiiga wal dhangalaalsisuuf shira xaxuu irratti argamu.

Oduudhuma wal qabatee nu gaheen Onuma Billoo Noophaa keessatti qonnaan bultoota beelaan dararamaa jiran liqii fudhattan deebisaa jechuun rakkisaa jiru.

Kanumaan wal qabatee ummata miseensa OPDO hin taaneen gibira waliin kafaltii miseensummaa baasaa kan jedhuun hiraarsaa akka jiranis gabaasaan maddeen keenyaa ifa godha.

Kana malees achuma godina Iluu Abbaa Booraa Onoota Cooraa fi Mattuutti maqaa humna darbatamaa jedhuun dabballota gandaa 1800 ol leenjii waraanummaa kennaafii akka jiran bira gahameera. Godinichatti gidiraan ummata irra mootummaan ga’u akka malee babal’achuu irraa jiruu fi jireenya hammaatuutu gabaafame.

 

MOA



Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net